Fana: At a Speed of Life!

Daa’imman walqabatanii dhalatan yaala baqaqsanii yaaluun adda bahan

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Naajeeriyaatti daa’imman lakkuun walqabatanii dhalatan yaala baqaqsanii yaaluun adda ba’uu isaanii ibsameera.

Yaalli baqaqsanii yaaluu daa’immaan lakkuu laphii fi garaan walqabatanii dhalatan Hospitaala mootummaa magaalaa Abuujaa keessatti karaa nagaan xumurameera.

Yaala kana irratt ogeeyyiin fayyaa 78 hirmaataniiru.

Daa’immaan lakkuun kunneen turtii torbee 6 booda Hospitaalichaa gara mana isaanii kan deebii’an yoo ta’u, yeroo ammaa haala gaarii irratti argamu jedhameera.

Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf Hospitaala mootummaa keessatti yaala baqaqsanii yaaluu milkiin xumurame ta’uu ibsameera.

Yaalichi sa’aatii 13 kan fudhate ta’uu itti gaafatamtoonni Hospitaalichaa dubbataniiru.

Maatiiwwan daa’’immaan kanneenis yaala Doolaara hedduu baasisuu danda’u biyya keessatti bilisan argachuu isaaniitti haalaan gammaduu ibsameera.

Yaala baqaqsanii yaaluu kana irratti kan hirmaatan hundi ogeeyyii biyya keessaa ta’uus himameera.

Maddi:-CGTN

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.