Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Odaa Bultumitti barattoota harka qalleeyyii kuma 2 oliif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasiifame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultumitti Waldaan Misooma Oromiyaa fi hawaasni naannichaa waliin ta’uun barattoota harka qalleeyyii kuma 2 fi 50f meeshaalee bartootaa deeggarsa taasiisaniiru.

Deeggarsi kun barattootta harka qalleeyyii manneen barnootaa 73 keessatti barataniif kan taasiifame ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen barnootaa Yuunfoormii, Dabtaraa fi Qalama Birrii miiliyoona 5 tilmaamamu deeggarsaan laatamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.