Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii Oromiyaa guyyaa boruu hojii idilee isaanii ni eegalu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Manneen Murtii Oromiyaa sababa boqonnaa Abbootii Seeraatiin baatii lamaaf gariin cufamanii turan guyyaa boruu hojii idilee kan eegalan ta’uu ibsameera.
Bara kana kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa kallattii maraan bu’a qabeessa ta’e kennuun uummata garaa ga’uuf yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannoo addaan kan hojjetan ta’uu ibsameera.
Abbootiin Seeraa fi hawaasni Manneen Murtii marti qooda isaanii akka ba’atan waamichi darbeera.
Qaamoleen mootummaa, miti mootummaa fi uummanni gumacha irraa eegamu qixa barbaadamuun akka baatan gaafatameera.
Hawaasni tajaajilaaf gara Manneen Murtii dhufu hundi dhibee Vaayrasii Koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo barbaachisu hunda akka taasisuu fi Manneen Murtii sadarkaan jiranis akka hordofan hubachiifamuu ragaan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.