Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hijiraa damee 17ffaa isaa maqaa Haaji Hasan Gammadaatiin moggaase Abboostootti hojii eegalchiise

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Baankiin Hijiraa damee 17ffaa magaalaa Shaashamannee maqaa Haaji Hasan Gammadaatiin moggaase Abboostootti hojii eegalchiise.

Sirna baniinsaa kanarratti itti aanaan Preezdantii baankichaa obbo Jibriil Usmaan akkasumas Uztaazonni, ulamaa’onnii fi qondaalonni mootummaa argamaniiru.

Baankichi tajaajila magaalaa Shaashamannee fi naannawa isheetiif kennu, dabalatee yeroo ammaa diyaaspooraa keessummeessuuf qophii xumuruu hojii gaggeessaan Baankii Hijiraa damee Shaashamannee obbo Tibbeessoo Kadiir kan himaniiru.

Hundeffama Baankichaatiif qooda jabaa kan qaban diyaaspoorawwan ta’uu ibsameera.

Baankichi kaappitaala kafalame Birrii biiliyoona 1.3 ol kan qabu yoo ta’u, caalmaatti sooreyyiirratti osoo hin taane jijjiirama hawaasa harka qalleeyyiif xiyyeeffannaa kan kennu ta’uu eerameera.

Baankichi waggaa tokkotti dameewwan 70 hundeessuuf karoora qabaachuu himameera.

Jibriil Huseentu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.