Fana: At a Speed of Life!

Gabaa tasgabbeessuuf bittaan Qamadii fi Zayita nyaataa hedduun raawwatame

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa gatii to’achuun Gabaa tasgabbeessuuf bittaan Qamadii kutaala miiliyoona 4 fi Zayita nyaataa Liitira miiliyoona 12.5 raawwatamuu ibsameera.
Baatii Onkololeessaa fi Sadaasaa Qamadii kuntaala miiliyoona 4 bittaan raawwate keessaa kuntaalli miiliyoonni 1.5 ol gara biyyaa galuu gamaaggama Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee waamamtootarratti taasiifameen ibsameera.
Kan hafa yeroo gabaabaa keessatti geejjibsiisuun gara biyyaa galchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Bittaan Zayita nyaataa Liitira miiliyoona 12.5 raawwatamuun gara biyyaa galuuf adeemsarra jiraachuus himameera.
Qaali’iinsi gatii waliigalaa Baatii Onkololeessaa keessaa % 34.2 ture baatii Sadaasaa gara % 33tti gadi hir’achuu eerameera.
Gatiin meeshaalee nyaataa Baatii Sadaasaa kan baatii Onkololeessaa yoo madaallame % 1.8 hir’isuu himameera.
Kan meeshaalee nyaataan alaa ammoo % 1 dabaluu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.