Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaaf humna waloo sarbama mirga namoomaa qulqulleeffaturratti ibsi kenname

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Ministeerri Haqaa Ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota biyyoota Awurooppaa garaagaraarraa walitti babba’aniif sarbama mirga namoomaa kaaba Ityoophiyaatti uumame hordofee yakkamtoota seeraan akka gaafatamanii fi miidhamtoota deebisanii dhaabuuf kan hundaa’e humna waloo sarbama mirga namoomaa qulqulleeffaturratti ibsi kennameera.

Ambaasaaddaroonnii fi dippiloomaatonni biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa Ityoophiyaatti argaman humna waloo ministirootaa hundaa’erratti ibsi akka laatamuuf gaafachuu isanii hordofee Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Deediiyoon Xiimooteewos fi mana marichaa kan gaggeessan Dooktar Taaddasaa Kaasaa ibsa laataniiru.

Haaluma kanaan kaayyoo hundeeffamasaa, karoora, gurmaa’iinsaa fi hojiilee hanga ammaatti hojjetaman ilaalchisee bal’inaan ibsi irratti laatameera.

Dabalataanis waltajjii maree biyyaalessaa irratti yaadaa fi ilaalcha mootummaa ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota kanneeniif ibsi kennameera.

Tsagaayee Wandiwasantu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.