Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Ameerikaan Ityoophiyaatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi lammiilee miidhamaniif deeggarsa hunda galeessa taasisuuf murannoo qabaachuu beeksifteerti.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan Ityoophiyaatti hojiilee walitti bu’iinsa dhaabuuf hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
Sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin lammiilee rakkoof saaxilaman deeggaruuf tarkaanfii mootummaan federaalaa fi naannolee fudhachaa jiran ibsichi dinqisiifateera.
Keessattuu lammiilee naannoo Tigraay haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran Antoonii Biliikan dinqisiifataniiru.
Preezdaant Joo Baayidan lammiilee kanneeniif deeggarsa namoomaa itti fufiinsaan dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii eeraniiru.
Ameerikaan adeemsa kana keessatti deeggarsa barbaachisu taasisuuf murannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa tokkummaan, birmadummaa fi guddinni ishee eegame ijaaruuf hojiilee hojjetamanirratti Ameerikaan deeggarsa hunda galeessa taasisuuf qophii ta’uu ishee ibsichi eereera.
MaddI:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.