Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) –Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa ganna kana biqiltuu bunaa biiliyoona 1.3 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu beeksiseera.
Iddoowwan Bunni itti misoomanitti qophiin barbaachisaa ta’e taasifameera jedhan itti aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Mohaammad Saaniin.
Godina Jimmaatti qophiin boolla qopheessuu taasiifame abdachiisaa fi godinaalee biroof fakkeenya ta’a jedhaniiru.
Misooma bunaa cinaatti bara baajata kana biqiltuu biiliyoona 4.8 dhaabuuf karoorfameera jedhan.
Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijaanii Naasir gama isaaniin akka godinichatti ganna kana biqiltuu bunaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 55 dhaabuuf qophiin barbaachisu xumuramuu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.