Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan waldhabdee naannoo daangaatti uumame akka furan Komishiniin Gamtaa Afrikaa fi IGAD gaafatan

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan waldhabdee naannoo daangaatti uumame akka furan Komishiniin Gamtaa Afrikaa fi Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa gaafataniiru.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat muddamni naannoo Daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti muudate isaan yaaddessuu ibsuun,naannoo daangaa biyyoota lamaanitti lubbuu namaa badeef gaddi itti dhaga’amuu himaniiru.
Biyyoonni lameen tarkaanfii waraanaa fudhachuurraa akka of qusatan gaafataniiru.
Waldhabdee uumame mariin furuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Waldhabdee uumame furuuf tattaaffiin dippiloomaasii taasiifamaa jiru gufachuu akka hin qabne hubachiisaniiru.
Muddamni naannoo daangaa biyyoota lamaanii gidduutti uumame bu’uura qajeeltoo dhimma daangaa Gamtaa Afrikaan hiikuuf tattaaffiin taasiifamu cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Haaluma walfakkaatuun Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa muddamni daangaa biyyoota lamaan gidduutti uumame furamuu akka qabu gaafateera.
Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Warqinaahi Gabayyoon waldhabdeen daangaa biyyoota lamaanii gidduutti uumame isaan yaaddessuu himaniiru.
Obboleeyyaan lamaan dhimmoota waldhabdee babal’isuu danda’anirraa of qusachuu akka qaba yaadachiisuun, dhimmicha waaraan furuuf biyyoonni kunneen daandii dippiloomaasii hordofuu akka qaban gaafataniiru.
Raayyaan Ittisaa Biyyaa FDRI ‘karaa qabsiinsa booji’amtootaa hin eegneen loltoota ajjeese’ jechuun himanni waraanni Sudaan dhiyeessu himata bu’uura hin qabne ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI guyyaa kaleessaa ibsa baaseen himuun kan yaadatamuudha.
Humni Waraanaa Sudaan dhiyeenya kana garee shororkeessaa ABUT fi hoggantoota waraanaa raayyaa Ittisaa ganan waliin ta’uun daangaa Ityoophiyaa ce’uun jiraatootaa fi milishootarratti haleellaa raawwachuun ibsamee ture.
Yaa ta’uutii Waraanni Sudaan daangaa Ityoophiyaa cabsee seenuun badii raawwatee osoo jiruu, yakka isaa haaluun Ityoophiyaa itti gaafatamaa taasiisuuf yaaluun isaa mootummaan kan hin fudhanne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen eereera.
Mootummaan Sudaan gochaa haalicha hammeessan irraa of qusachuun tarkaanfii gochicha tasgabbeessuu danda’an fudhachuu akka danda’u mootummaan Ityoophiyaa abdii qabaachuu ibsichi eereera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.