Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Biil End Meeliindaa Geetis hoomaa Awwaannisaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Faawundeeshiniin Biil End Meeliindaa Geetis weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 Baha Afrikaaf taasise.

Deeggasrsi kun weerara hoomaa Awwaannisaa fi rakkoo namoomaa naannichaa ittisuuf kan oolu akka ta’e ibsameera.
Ityoophiyaa,Keeniyaa fi Soomaaliyaan deeggarsa kanarraa fayyadamoo ta’u jedhame.

Sosochii weerara hoomaa Awwaannisaa biyyoota kanneenii ittisuuf taasifamaa jiru milkeessuuf deeggarsi kun shoora olaanaa qaba jedhameera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa (FAOn) deeggarsa Faawundeeshiiniinin Meeliindaa Geetis taasise galateeffateera.

Weerarri kun Ityoophiyaa fi Soomaaliyaatti waggoota 25 as, Keeniyaatti ammoo waggoottaan 70 as isa hammaatadha jedhame.

Hoomaan Awwaannisaa xiqqoon yeroo tokkotti midhaan namoota kuma 35 ga’uu danda’u barbaadeessuu danda’a jedhame.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa hanqina nyaataa naannicha mudatu ittisuuf baajata Doolaara Miiliyoona 76 irraa gara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 38tti guddisuu isaa beeksiseera.

Maddi:- The South African

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.