Fana: At a Speed of Life!

Saafaariikoom tajaajila eegaluun TQO sochoostuu imala badhaadhinaa taasifachuu keenyaaf argiisituudha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Saafaariikoom Ityoophyaan tajaajila eegaluun Tajaajila Quunnamtii fi Odeeffannoo sochoostuu imala badhaadhinaa taasifachuun socho’uu keenyaaf argisiistuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Sagantaan jalqabsiisa tajaajila interneetii Saafaariikoom sadarkaa biyyaalessaa Paarkii Michummaatti gaggeffamaa jira.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Saafaariikoom Ityoophiyaan tajaajila eegaluun Tajaajila Quunnamtii fi Odeeffannoo mootora imala badhaadhinaa taasifachuun socho’uu keenyaaf argisiistuudha jedhan.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo gama isaaniin Saafaariikoom Ityoophiyaan Ityoophiyaatti tajaajila eegaluun walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsuudha jedhan.

Saafaariikoom Dirree Dawaa, Mojoo, Harar, Adaamaa , Bishooftuu, Baahirdaar, Awwadaay, Goondar fi Dabira Birhaanitti yaalii tajaajilaa neetiwoorkii eegaleera.

Dhaabbatichi tajaajilicha koodii +2517 kan eegalchiiseera.

Finfinnee fi Adaamaattis giddugala daataa Birrii miiliyoona 100 kan ijaarsise yoo ta’u, bara kana magaalota lameenitti giddugala daataa dabalataan lama akka ijaaru beeksiseera.

Waggoottan kurnan dhufan Doolaara biiliyoona 8.5’n hojii babal’isaa fi fooyyessaa gaggeessuun fayyadamummaa damechaa mirkaneessuuf karoorfachuun eerameera.

Bisiraat Mallaseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.