Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Ameerikaa naannawaa Qilleensaa Kaanaadaatti wanta balali’aa maalummaan isaa hin beekkamne rukutee kuffisuu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 5, 20015 (FBC) – Waraanni Ameerikaa naannawaa Qilleensaa Kaaba Lixa Kaanaadaatti wanta balali’aa maalummaan isaa hin beekkamne rukutee kuffisuu dhaga’ame.

Wanti balali’aan maalummaan isaa hin beekkamnee kun Jeettii Waraanaa Ameerikaa F- 22 jedhamuun rukutame kufuu Muummeen Ministiraa Kaanaadaa Jastiin Tiruudoon ibsaniiru.

Dhimmicha ilaalchisee Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin mari’achuu kaasaniiru.

Humni waraanaa Kaanaada maalummaa wanticha beekuuf qorannoo eegaluu Jastiin Tiruudoon himaniiru.

Wantichi Meetira kuma 122 olfagaatee wayita balali’aa jiru rukutamuu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.