Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee paarkiiwwan indaastirii gabaa Naayijeeriyaatti dhiyeessuuf mari’atame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC)- Oomishaalee paarkiiwwan indaastirii keessatti oomishaman gabaa Naayijeeriyaatti haala dhiyeessuun danda’amurratti mari’atame.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Akiliiluu Taaddasaan, Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Naayijeeriyaa Viiktoor Adaleek waliin dhimmoota invastimantiirratti mari’ataniiru.

Marichaan Naayijeeriyaan biyyaa baay’ina ummata miiliyoona 213 ol qabdu ta’uu fi oomishaaleen paarkiiwwan indaastirii keessattii oomishamaniif carraa gabaa bal’aa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan, Naayijeeriyaatti abbootiin qabeenyaa dameewwan garaagararratti bobba’an paarkiiwwan indaastirii keessatti hojjechuu akka danda’aniif haalota mijaatoo fi onnachiistuuwwan taasifaman irratti ibsa kennaniiru.

Ambaasaaddar Viktoor gama isaaniin, riifoormiiwwan Ityoophiyaan damee invastimantiirratti taasifte dammaqsituu ta’uu eeruun, hariiroo invastimantiif waloon hojjechuu akka barbaachisu ibsuu ragaan Koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.