Fana: At a Speed of Life!

Aadaa fi duudhaa saba Oromoo guddisuuf artistoonni fi weelliftoonni Oromoo gumaacha olaanaa qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Aadaa fi duudhaa saba Oromoo guddisuuf artistoonni fi weelliftoonni Oromoo gumaacha olaanaa qabaachuu itti gaafatamaan Paartii Badhaadhiinaa Naannoo Hararii Obbo Abdujabar Mahammad ibsaniru.
 
Daandiin naannoo Hararii harawwee hanga hammarreessaa jiru maqaa weellissaa Musxafaa Abdiin (Musxafaa harawwee) moggaafamuu Biiroon Aadaa ,Hamballee Fi Turiziimii naannoo Hararii beksiiseera.
 
Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhiinaa naannoo Hararii obbo Abdujabara Mahammad akka ibsanitti weellisaa Musxafaa Abdi umurii isaanii guutuu qabsoo saba Oromoo tokkoomsuuf wareegama guddaa kafallaniiru jedhan.
 
Kanaaf yeroo hunda seenaan isaan yaadatti jedhan.
 
Weellisichi aadaa fi seenaa Oromoo guddisuu keessatti gumacha olaanaa taasisuu isaanii eeraniiru.
 
Itti aanaa hogganaan Biiroo Aadaa ,Hamballee Fi Turiziimii naannoo Hararii obbo Milkeessaa Ahimad gama isaaniin, Weellisaa Musxafaa Abdiin nama seenaa boonsaa biyyattiif gumaachedha jedhan.
 
Dhalloonni ammaas Weellissaa Musxafaa Abdii irraa barachuun Aadaa fi seenaa guddisuu keessatti ga’ee mataa isaanii ba’uu akka qaban ibsaniru.
 
Hiiriyyoonni Weellisaa Musxafaa Abdii daandichi maqaa weellisaa kanaan moggaafamuunisaa gammachuu olaanaa isaatti kan uume ta’uu dubbataniiru.
 
Seenaan isaan hojjetan haala kanaa yaadatamuun isaa waan gaarii ta’uu ibsaniiru.
 
Weellisaa Musxafaan afaan Oromoo, afaan Argobbaa fi afaan Hariiriin nama weellisaa tureedha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.