Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee daayreektara olaantuu Fandii Misoomaa Kaappitaala DHMG waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee daayreektara olaantuu Fandii Misoomaa Kaappitaala DHaabbata Mootummoota Gamtoomanii Priitii Sinaahaa fi Ministira Ministeera Misooma Hawaasummaa Eemmireetoota Araba Gamtoomanii Eesaa Bihumaayiid waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee yaa’ii mootummoota idil addunyaa fi hoggansa mootummaa keessaatti hirmaannaa dubartoota Dubaayiitti qophaa’eerratti hirmaataniiru.

Aadde Adaanach yaa’ichaan cinaatti daayreektara olaantuu Fandii Misoomaa Kaappitaala DHaabbata Mootummoota Gamtoomanii Priitii Sinaahaa fi Ministiri Ministeera Misooma Hawaasummaa Eemmireetota Araba Gamtoomanii Eesaa Bihumaayiid waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin karaa hojiiwwan tumsa lameenii hojjechuun danda’amuurratti mari’achuu ragaan waajjira Kantiibaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.