Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee qaamolee fiigichi guddicha nagaan akka xuramuuf gumaachan galateeffatan

Finfinnee, Amajjii 15, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee qaamolee fiigichi guddichii Ityoophiyaa 13ffaan guyyaa har’a magalichatti gaggeeffamee nagaan akka xuramuuf gumachaan galateeffataaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsaniitti, magaalaa Finfinnee sagantaalee garaagaraa hawaasa hedduu hirmaachisaan kessummeessaa jirti jedhaniiru.

Guyyaa har’a Feestivaalli aadaa 13ffaa fi fiigichi guddichi Ityoophiyaa 21ffaarratti jiraattoonni magaalichaa hedduun, Ityoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa diyaaspooraan, dippilomaatoonnii fi lammiilee biyya alaa hirmaataniiru jedhan aadde Adaanach Abeebee.

Sagantaa kunis bu’a qabeessa akka ta’uuf qaamolee tumsa taasisaan galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.