Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach ayyaana Moolidaa sababeeffachuun lammiilee daandiirra jiraataniif maaddii qoodan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2013 (FBC)-Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dhaloota Nabiyyuu Mahaammad waggaa 1495ffaa sababeeffachuun lammiilee daandiirra jiraataniif maaddii qoodaniiru.

Yeroo ayyaanicha kabajnu lammiilee rakkoo keessaa jiraatan yaadachuun ta’u akka qabu aadde Adaanach yaadachiisaniiru.

Sagantaa maaddii qoodu kanarratti itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanaach Abeebee dabalatee sadarkaa Itti aanaa Kantiibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbayii fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.