Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Finfinneetti qaala’insa jireenyaa hir’isuuf ‘Gabaan Dilbataa’ iddoowwan garaagaraatti eegaluu ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC)- Qaala’insa jireenyaa hir’isuuf “Gabaa Dilbataa” guyyaa har’aa iddoolee garagaraatti eegalchiifneerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsaniitti, gabaawwan kunneen torbee torbeetti guyyaa Dilbataa jiraattota magaalattiif shaqatoota bu’uuraa gatii gadi aanaan kan dhiyeessan ta’a.

Haaluma kanaan oomishtootaa fi fayyadamtoota gidduutti hariiroon kallattii fi gabaabaa ta’e kan uumu yoo ta’u, hunda caala dabalinsa gatii seeraan alaa fi dhiyeessii oomishoota namtolchee akka hin uumamneef dursee of eeggannoon akka uumamu taasisa.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee kallatti hundaan argamtanis, guyyaa boqonnaa keessanii kanatti Gabaa Dilbataa isinitti dhiyoo jiran deemuun waan barbaaddan bitachuu ni dandeessuu jedhaniiru.

Hojii kun akka milkaa’uuf yaada maddisiisuu fi haala mijeessuun ga’ee olaanaa qaamota taphataniif galanni koo isin haa dhaqqabu jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.