Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach haaromsa manneen 44 eegalchiisan

Finfinnee, Hagayyaa 16, 2012 (FBC) – Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen haaromsa manneen 44 eegalchiisan.
 
Boolee Ruwaandaa barmaatan nananoo Jaappaan Asfaalt jedhamutti haaromsicha kan eegalchiisan.
 
Hojiin haaromsa manneenii kun baatii tokkotti kan xumuramu yoo ta’u, tajaajilli bishaan, ibsaa fi manni qulqullinaa akka haaraatti ni gurmaa’a jedhameera.
 
Aadde Adaanach bulchiinsi magaalichaa harka qalleeyyii utubuurratti xiyyeeffatee ni hojjeta jedhan.
 
Hojii tola oolmaa Ganna baranaatin manneen 1,000 ol haaromsamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.