Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach hojjettoota qulqullinaa waliin ta’uun naannoo qulqulleessan

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinneee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti argamuun hojjettoota qulqullinaa waliin ta’uun naannoo qulqulleessaniiru.

Akka balfa ija keenyaan arginu qulqulleessinu jibbaa fi qoodinsaaraa of yaa qulqulleessinu jechuun ergaa dhaamaniiru.

‘Naannoo keenya qulqulleessuun ambaasaaddara miidhaginaa magaalaa keenyaa yaa taanu’ mata duree jedhuun duulli qulqullina magaalaa marsaa 7ffaan har’a eegaleera.

Duula kanarratt kutaaleen hawaasaa hedduun hirmaachuu ibsameera.

Qaamni hundi naannoo isaa ulqulleessuun magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu taasiisuu qabu jedhan aadde Adaanach.

Filannoo marsaa 6ffaa diimookiraataawaa fi haqa qabeessa taasiisuuf qaamni hundi qooda irraa eeggamu ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.