Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen kantiibaa magaalaa Waashingitan DC waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 19 ,2015 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kantiibaa magaalaa Waashingitan DC Muuriiyeel Boowuzar waliin mari’atan.

Haala hariiroo magaalota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’achuu aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Haala waliigalteen obbolummaa Finfinneefi Waashingitan DC gara hojiitti hiikamuu danda’amurrattis marii bal’aa taasisuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Keessummaa piroojektoota misoomaa qindaa’oo mootummaafi deeggarsa dhaabbilee dhuunfaan hojjetaman haala fayyadamummaa jiraattotaa mirkaneessuu danda’aniin magaalaa deebisanii misoomsuuf, galii haala fooyyee qabuun walitti qabuuf, waldhaansa bishaanii, geejjibaafi magaalota naannawaa jiran waliin hojiilee misoomaarratti qindoominaa haala hojjechuun danda’amurratti muuxannoo qooddachuufi tumsaan hojjechuurratti waliigaluu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.