Fana: At a Speed of Life!

Aadde Almaaz Makoonnan hundeessaa Gamtaa Dargaggoota Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) –Ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Almaaz Makoonnan hundeessaa Gamtaa Dargaggoota Addunyaa Dooktar Ook Soo Paar waliin mari’atan.
 
Dargaggoonni naamusaan guddatanii biyya isaanii akka tajaajilan hojjetamaa jiraachuu ministir deettittiin ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan tajajailli lammummaa fi sagantaan tola ooltummaa qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru.
 
Kanaan duras Gamtaa Dargaggoota Addunyaa waliin qindoomuun leenjiiwwan ilaalcha gaarii kennamaa turuu ibsan.
 
Dooktar Ook Soo Paar gama isaanitiin barbaachisummaa nageenyaarratti leenjii hubannaa fi ilaalchaa laachuu akka barbaadan ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.