Fana: At a Speed of Life!

Aadde Caaltuu Saaniin dhiyeessii maallaqaa misooma manneeniirratti dhaabbilee maallaqaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin dhiyeessii maallaqaa misooma manneeniirratti dhaabbilee maallaqaa waliin mari’ataniiru.

Marichi bakka Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiifi  hoggantoonni Biiroo Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee argamanitti gaggeeffamuu eerameera.

Marichaan haala filannoowwan misooma manneenii karoora misooma waggoota 10 bu’uuraffachuun bocaman dhugoomsuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis haala rakkoo dhiyeessii maallaqaa furuun danda’amurratti mari’achuu kaafameera.

Fuula durattis dhimmoota waliin hojjechuu danda’an irratti mariin taasifamee waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.