Fana: At a Speed of Life!

Aadde Loomiin ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC) – Afyaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon hordoftoota amantaa kiristaanaaf ergaa baga geessaani dabarsaniiru.
Ergaa guutuun akka armaan gaaditti dhiyaatera
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Ayyaana Cuuphaa Bara 2013 Nagaan Waliin nu Gahen jedha. Amajjii 11 Bishaan Laga Yordaanositti duuka bu’aa isaa kan ture Yohaannisiin Iyyasuus Kiristoos cuuphicha cuuphamuu isaa sababeeffachuun ayyaana guddaa waggaa waggaan hordoftoota amantaa Kiristaanaan kabajamaa as gaheefi ummanni keenyas aadaafi duudhaa qabuun dabaalee ayyaana kana kabajuudhaan beekama.
Ayyaanni Cuuphaa, hordoftoota amantichaa biratti mallattoo tokkummaa, jaalalaa, araaraafi miidhaginaa ta’ee kan kabajamu yommuu ta’u, hundaa’ol Cuuphaan Gooftaan Iyyasuus Kiristoos raawwate mallattoo qulqullummaafi dhiifamaa ta’uudhaanis ni yaadatama. Kunis, bishaan inni kabajeen ni qulqullaa’u; qulqulluummaa fudhatanis eeganii yoo jiraatan cubbuu isaaniif dhiifama kan argatan ta’uu barsiifni amantichaa ni mirkaneessa.
Uumamni kamiyyuu, uumaa isaa kan ulfeessuufi kabaju, dhala namaaf immoo jaalala addaa kan qabu yommuu ta’u, duudhaawwan dhalli namaa gonfate kana cinaatti immoo seera amantaa abbootiin amantichaa barsiisan dhagahuun, kan dhageenye immoo hojii qabatamaatti jijjiiruun badhaadhina biyya keenyaaf gumaacha nurraa eegamu taasisuun immoo dirqama lammumaati.
Biyyi keenyas, biyya sabaafi sablammiin hedduufi hawaasni amantaa garaa garaa hordofu jaalalaan, waldanda’uun, tokkummaa, nagaafi araara labsuun waliin jiraachuudhaan beekamu waan ta’eef, duudhaalee kanneenitti fayyadamuun hariiroo waliin jireenya keenyaa cimsachaa, biyya badhaateefi lammiileesheef mijooftuu taate uumuuf hundi keenya gahee keenya bahachuu qabna.
Akkuma beekamu, ayyaanni Cuuphaa ayyaanota kaanirraa kan adda isa taasisu hordoftoota amantaa Kiristaanaa dabalatee tuuriistota biyyoota adda addaa hirmaachisuun ayyaana kabajamu waan ta’eef, lammiileen ofeeggannoo dhibee COVID – 19f taasisuu qaban osoon dagatiin fayyummaa isaanii eeggachuu akka qaban ibsaa, irra deebi’uun, ayyaanni Cuuphaa bara kanaa kan nagaa, jaalalaafi tokkummaa akkasumas, badhaadhina biyyaa keenyaa itti milkeessinu nuuf haa ta’u jechuun hawwiin qabu dabarsa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.