Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariyaat Ityoophiyaatti qindeessituu dhaabbata mootummoota gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Sooziin waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil dhimma deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiifamaa jirurratti Ityoophiyaatti qindeessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Sooziin waliin mari’ataniiru.

Aadde Mufariyaat naannichatti tajaalli baankii, daandii fi Teeleen haala duraatti deebi’aa jiraachuu dubbataniiru.

Mootummaan duula olaantummaa seeraa mirkanneessuu gaggeeffame hordofee lammiilee miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoo laachuun deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala naannicha ilaalchisee odeeffannoon tamsa’aa jiru dogongora ta’uu kaasaniiru.

Dooktar Kaatiriin Soozii gama isaaniin taaticha hordofee deebii hatattamaa mootummaa taasiisaa jiru kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru.

Haala naannicha ilaalchisee odeeffannoo tamsa’aa jiru qulqulleessuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Qaamoleen lameen yeroo itti naannichatti deeggarsa namoomaa barbaachisu taasiisuuf tumsan kan hojjetan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.