Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariyaat miseensonta Kongirensii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil miseensonta Kongirensii Ameerikaa Kaariin Baasiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Aadde Mufariyaat miseensonni kunneen haala waqtaawaa Ityoophiyaa hubachuuf dhufuu isaanii galateeffataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkoo duraa fi booda deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf tattaaffii taasiisa jiru ibsa taasiisaniiru.

Mootummaa loogii tokko malee lammiilee hundaaf deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf tattaaffii taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haal duree barbaachisu hundi guuttamus dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil addunyaa lammiilee miidhamaniif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu sochiin taasiisaan muraasa ta’uu jilichaaf ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni muul’isa.

Yeroo ammaatti lakkkoofsi lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaarii buqqa’an guyyaa gara guyyaatti dabalaa dhufuu fi iddoolee mootummaan qaqqabuu hin dandeenyetti haaluma waliigalteen dhaabbileen deeggartootaa filataman deeggarsicha akka dhiyeessan gaafataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.