Fana: At a Speed of Life!

Aadde Tsiyoon Takluu ambaasaaddara Emmireetaroota Araba Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Tsiyoon Takluun Ityoophiyaatti ambaasaaddara Emmireetaroota Araba Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii filannoo invastimantii fi abbootii qabeenyaa Emmireetaroota Araba Gamtoomanii Ityoophiyaatti hojii misoomaarraatti bobba’aanii jiran irraatti kan xiyyeeffateedha.

Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Tsiyoon Takluun,abbootiin qabeenyaa kunneen daandeetti ijaarsa cee’umsa teeknooloojii, hawaasummaa fi invastimantirratti yoo xiyyeeffataan faayidaa biyyoota lamanii caalmaan ni guddisu jedhaniiru.

Ambaasaaddar Mahaammad Saaleem, fooyya’nsa invastimantii Ityoophiyaatti eegalame invastaroota biyya alaaf haala mijataa akka uumuu eeraniiru.

Caalmaatti haala mijataa invastimantii uumuuf qamoolee dhimmi ilaallatuu biyyoota lamanii waliin akka hojjeetan dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.