Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Ansaarrootti dhaabbata Simmintoo baasii Birrii biiliyoona 2.2n ijaarsisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Ansaarrootti dhaabbata Simmintoo fi kanneen biroo baasii Birrii biiliyoona 2.2n ijaarsisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Sirnicha irratti preezdaanti Saahilawarqi Zawdee, Preezdaantii Mootummaa naannoo Amaaraa obbo Aaganyaw Tashaaggar dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Dhaabbileen kunneen aanaa Ansaaroo magaalaa lamiitti lafa heektaara 270 irratti sadarkaa garagaraan kan ijaaraman yoo ta’an ijaarsi marsaa jalqabaa waggaa 1 fi baatii jaha keessatti kan xumuramu tahuu ibsameera.
Dhaabbileen kun ijaaramanii guutumaattii wayita hojiitti galan namoota kuma 10f carraa hojii ni uumu jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.