Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Booraatti miseensonni Shanee nageenya booressaa turan harka kennatan

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Waamicha mootummaan qaamoleen seeraan ala socho’an karaa nagaan harka akka kennataniif taasiseen Aanaa Booraatti miseensonni Shanee nageenya booressaa turan harka kennuu ibsame.

Ergama garee badii galmaan gahuuf miseensonni Shanee Aanicha keessatti nageenya booressaa turan, waamicha abbootii gadaa taasisaniifiin harka kennachuu Bulchaan Aanaa Booraa obbo Gosaa Xilaa ibsaniiru.

Miseensoonni garee badiif ergamaa turan, dogoggora isaaniirraa akka deebi’aniif hojii hojjetamaa tureen namootni 22 harka kennachuu Abbootiin gadaa Jahan Jillee himaniiru.

Obboloonni keenya biroon dogoggoruun garee badiif ergamaa jiranis akkanuma gocha isaaniirraa akka deebi’an dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.