Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Faagitaa Lakoomaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Bulchiinsa Godina Saba Awwii Aanaa Faagitaa Lakoomaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbuu ibsame.

Balichi guyyaa har’aa gana naannoo sa’aatii 1:00 konkolaataa minii baasiifi baajaajiin walitti bu’uun uumamuu ogeessi waajjira poolisii aanichaa Ittaanaan Inispeektaraa Axnaaf Farradaan ibsaniiru.

Balichaan lubbuun namoota baajaajicha keessa turan sadii battalumatti darbuufi namoota 2 irra miidhaan qaamaa cimaan gahuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.