Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Gommaatti sagantaan dhiiga arjoomuu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Godina Jimmaa aanaa Gommaatti sagantaan dhiiga arjoomuu gaggeeffameera.

Guyyaa har’aas aanichatti mata duree”dhiiga kennuun lubbuu kennuudha” jedhuun sagantichi gaggeeffameera.

Saganticharratti hanqina dhiigaatiin lubbuun nama tokkoo darbuu hin qabu jedhuun kutaan hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Hirmattooni sagantichaa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiitti akka himaniitti, sagantichi  dhimma lubbuu hambisuu waan ta’eef dhiiga keenya arjoomuu keenyaan gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama jedhaniiru.

Namni kamuu dhiiga isaa arjoomuudhaan lubbuu baraaruu  waan danda’uuf kana hubate saganticharratti hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Bulchaa aanaa Gommaa Obbo Nasiib yaasin,  Kayyoon hojii kanaa inni guddaan rakkoo akka biyyaatti mudate gama kanaan furamuu danda’u furuuf kan kaayyeffatamedha jedhan.

Samiiraa Mahaammadyaasintu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.