Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Gurrafardaatti rakkoo nageenyaa ture waaraan furuuf sirni araara nageenyaa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Beenchii Shakkoo aanaa Gurrafardaa gandoota garaagaraa keessatti rakkoo nageenyaa ture waaraan furuuf sirni araara nageenyaa gaggeeffameera.
Sirni araara nageenyaa kun akkaataa aadaa hawaasa naannichaan walitti bu’iinsa hambisuun jireenya waloo dura turettii deebisuuf kan dandeessisu ta’uu himame.
Haalli nageenyaa fi tokkummaan ammaa uumame caalmaatti akka itti fufu kutaan hawaasaa hundi qooda isaa ba’uuf waliigalteerra ga’amuu ibsameera.
Dargaggoonni Bosona galanii turan dogongoraan bosona galuun mootummaa fi hawaasaa nagaa miidhuu isaanii ibsuun, amma booda nageenyi amma argame harka keenyaa akka hin bane ni hojjenna jedhaniiru.
Rakkoo nageenyaa Onkololeessa 6, 2013 uumamee tureen lammiileen nagaa lubbuu isaanii dhabuu, qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu Bulchaan Aanaa Gurrafardaa obbo Sisaay Shaalloo ibsaniiru.
Sirna araaraa kanarratti hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannolee ollaa,Godinaalee, aanaalee, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamuu ragaan Dhaabbata Raadiyoo fi Teeleeviizhiinii naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.