Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Sinaanaatti meeshaaleen kontiroobaanddii Birrii miliyoona 4 oliti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Godina Baalee aanaa Sinaanaatti meeshaaleen kontiroobaanddii Birrii miiliyoona 4 oliti tilmaamamu to’atameera.

Hordoffii fi sakattoo taasiifameen Amajjii 13 bara 2014 meeshaaleen kontiroobaanddii gara garaa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmamamuu to’annaa jala ooluu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksiseera.

Odeeffannoo Ummata irraa argameetti fayyadamuun Aanaa Sinaanaa Ganda Qonnaan Bulaa Naannoo Roobee jedhame beekkamutti sakattoo taasiifameen meeshaaleen kontiroobaandii adda addaa Birrii miiliyoona 4 olitti tilmamamu to’annaa jala ooluu Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii aanaa Sinaanaa Komaandar Muktaar Shaalee ibsuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.