Fana: At a Speed of Life!

Aanga’oonni Isiraa’eel torbee kana Sudaan daawwachuufi

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Aanga’oonni olaanoon Isiraa’eel torbee kana Sudaan daawwachuufi jedhame.
 
Oduun kan dhaga’ame erga Xiyyaarri daldalaa tokko Teelee’aaviiv ka’uun Kaartuum qubatee booda.
 
Daawwannaan kun yoomii fi eenyun akka durfamu wanti beekkame hin jiru jedhame.
 
Gama biroon Sudaan galmee shororkeessummaa Ameerikaa irraa haqamuuf waggootan dura haleellaa Imbaasii Ameerikaa Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti argamu irratti raawwatameef beenyaa Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 35 kaffaluuf waliigaluu ishee ibsameera.
 
Kana hordofuun Ameerikaan Sudaan galmee Shororkeessummaarraa haquuf hojii eegaluu ishee Ministirri Ministeera Dhimma alaa Ameerikaa Maayik Poompeyoon ibsaniiru.
 
Tibba darbe Isiraa’eel Emireetoota Araba Gamtoomanii fi Bahireen waliin hariiroo Dippiloomaasii idilee eegaluun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Sababa kanaan xiyyaarri daldalaa jalqabaa Emireetoota Araba Gamtoomanii ka’uun Isiraa’eel qubatteerti.
 
Maddi:- the times of israel
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.