Fana: At a Speed of Life!

Aarbaa Mincitti qorannaan vaayrasii koroonaa eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Aarbaa Mincitti qorannaan vaayrasii koroonaa eegalame.
 
Wiirtuun qorannaa Aarbaa Minc ega hojii eegalee guyyootiin kan lakkaa’aman yoo ta’u, sadarkaasaa kan eeggate ta’uu itti gaafatamaan wiirtichaa obbo Kabbadaa Muullisaa ibsaniiru.
 
Hojichi bifa waaraan akka itti fufu haaldureewwan mijachuu eegaluu eeraniiru.
 
Gaamoo fi godinoota ollaarraa qorannaan samuudaa 44 hojjetamuu ibsaniiru.
 
Wiirtun qorannaa kun guyyaatti hanga samuudaa 400 qorachuu danda’a.
 
Gaamoo, Goofaa, Oomoo Kibbaa, Daraashee, Burjii, Ammaarroo, Alleef tajaajila laata.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.