Fana: At a Speed of Life!

Aarri balaa Ibidda bosona Awustiraaliyaa irraa ka’u addunyaa uwwisaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Aarri balaa Ibidda bosona Awustiraaliyaa irraa ka’u addunyaa uwwisaa jiraachuu Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Ameerikaa beeksise.

Aarri kun hanga Amajjii 8 bara faranjootaa 2020tti walakkaa addunyaa uwwisee ture  jedhameera.

Akka dhaabbanni Qorannoo hawaa ameerikaa beeksisetti aarri kun guutuu addunyaa uwwisuu danda’a jedhameera.

Aarichi kiloo meetira 17.7 lafa irraa dheerina qabaachuu himameera.

Madda isaa irraa maayila  kumaatamaan fagaachuun haala atmoosfeerii miidhaa jira jedhameera.

Ol ka’iinsa Atmoosfeera keessatti qabu kanaan qorriinsaa fi hoo’insa inni fiduu danda’u irratt qorannoo gaggeessaa jiraachuu ‘Nasa’ ifoomsee jira.

Aarri kun Kibba Ameerikaatti halluu samii jijjiiraa akka jiruu fi  Niwuuzeelaanditti ammoo faallama qileensaa cimaa uumaa jiraachuu ‘ Nasa’   ibsee jira.

Balaan ibidda bosonaa kun Awustiraaliyaatti lafa hektaara miiliyoona 10.3 barbadeesseera.

Balaa kanaan lubbuun namoota 28 yoo darbu manneen kumni 2 ol gubataniiru.

Namoonni kuma dhibbaan lakkawwaaman qa’ee fi qabeenya isaanii irra buqqa’aniiru.

Lubbuu bineensoota biiliyoona 1 oliis wareegee jira.

Maddi:-ABC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.