Fana: At a Speed of Life!

Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa kenniinsa tajaajila isaa caalmaatti ammayya’aa taasisuuf Eejensii mirkaneessaa fi galmeessa sanadoota federaalaa waliin muxannoo wal jijjiiru ibseera

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa kenniinsa tajaajila isaa caalmaatti ammayya’aa taasisuuf Eejensii mirkaneessaa fi galmeessa sanadoota federaalaa waliin muxannoo wal jijjiiru ibseera.

Kaayyoo isaas hojiiwwan Mana Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa caalmaatti qulqullinaa fi saffisaa akka qabaatufi jedhameera.

Dabalataniis hojii manicha teeknooloojiin deggeeruun qisaasama garagaraa tajaajilamtoota muudatan hambisuufi jedhameera.

Abbaan Alangaa Waliigala Oromiyaa obbo Huseen Usmaan, muxannoo wal jijjiirraa kun hojii gaarii kana irratti eejensii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa wal jijjiirraa muxannoo gaarii qopheessuun mana hojii Abbaa Alangaa Waliigala daawwachiise galateeffataniiru.

Tajaajila ammayya’aa teeknooloojiin deggeerame eejensichi ummataaf kennaa jiru daawwachuun dinqisiifataniiru.

Wal jijjiirraa muxanno kanarrattis hooggantoonni olaanoo, manajimantoonnii fi hojjettoonni daataa beezii mana hojichaa hirmaachuu ragaan fuula Feesbuukii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaarra arganne ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.