Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa namoota galmee Dooktar Dabratsiyoonfaa jalatti argaman 62 irratti himata bane

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Abbaan Alangaa namoota galmee Dooktar Dabratsiyoona Garmikaa’eelfaa jalatti argaman 62 irratti himata banuu beeksiise.
Namoonni himanni irratti baname kunneen miseensoota Koree Hojii Raawwachiiftuu, Koree giddugaleessaa ABUT fi Miseensoota Kaabinee olaanoo naannichaa kan turan ta’uu ibsameera.
Dabalataan kanneen haleellaa keessaa kallattiin harka qaban hoggantoota Dhaabbilee Iffarti, hoggantootaa dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa, filannoo seeraan alaa naannoo Tigraayitti gaggeeffame keessatti kanneen hirmaannaa taasiisan Paartilee siyaasaa, akkasumasa hoggantoota olaanaa duraanii garee ABUT fi namoota bebbeekkamoorratti Abbaan Alangaa Waliigalaa himannaa banuu himameera.
Abbaan Alangaa Waliigalaa keeyyaata yakkaa lama jalatti himata kana banuu ibseera.
Ragaa baatoota 510 fi sanada himanna fuula kuma 5 fi 329 dhiyeessuu isaa ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaarraa argame ni muul’isa.
Manni Murtii Federaalaa dhaddacha rammaddii 1ffaa Heera Mootummaa fi yakkoota Shororkeessummaa himannaa galmee lakkoofsa 27128102 fudhachuun himatamtoonnii manneen sirreessaa keessatti argaman manneen sirreessaa akka dhiyeessanii fi kanneen hafan ammoo Poolisiin Federaalaa akkaataa seeraan akka dhiyeessu beellama jijjiirraa Adooleessa 26, 2013tti laateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.