Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa olaantummaa seeraa kabachiisuu cinaatti mirga namummaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qaba”jedhan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) –“Abbaan Alangaa olaantummaa seeraa kabachiisuu cinaatti mirga namummaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa qaba”jedhan Abbaan Alangee waliigalaa Federaalaa aadde Adaanech Abeebee.

Kanumaan walqabate guyyaa har’aa pooliisiin koomishiinii fedeeraala biiroo qorannoo yakkaa kutaa shakkamtootaa daawwataniiru.

 

Aadde Adaanech du’a Artistii Haacaaluu Huundeessaan walqabate jeequmsa uumameen badii lubbuu namaa,qabeenyaa fi miidhaa gaheen shakkamtoonni to’annoo jala jiran kan akka Obboo Jawaar Mahaammad,kan akka Obboo Baqqalaa Garbaa fi kan akka Iskeendar Nagga akkaataa qabannaa mirga namummaa isaanii baruu danda’eera jedhan.

 

Shakkamtoonnii kuni haallii isaan irra jiran mirgi namummaa isaanii kan kabajamedha.

 

Erga as dhufne rakkoon nu mudate hin jiru jedhaniiru jechuun ibsan.

 

Abukattoota keenyaa fi maatii keenya waliin wal qunnamaa jirra jedhanii naaf mirkaneessaniiru.

 

Haa ta’uu malee miidiyaa akka hordofuu dandeenyuuf Tv ykn Raadiyoon akka nuuf galu jedhanii na gaafataniiru.

 

Gaaffiin isaanii ilaallamee akkamiin akka deebi’uuf Poolisii Federaalaa waliin walii galtee irra geenyeerra jedhan.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.