Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Koominikeeshinii Ityoophiyaa fedhii eeyyama teeleekoominikeeshinii 2 baase

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Koominikeeshinii Ityoophiyaa eeyyama teeleekoominikeeshinii 2 laachuuf ibsa gaaffii fedhii baase.
 
Abbaan taayitichaa akkaataa aangoo labsiidhan laatameefin hojjechaa jira.
 
Abbaan taayitichaa damee teeleekoominikeeshinii dhuunfaaf banuun hojiisaa adda duree ta’uu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himeera.
 
Eeyyama Iityoo Teelekoom qabatee jiruun ala, eeyyamoota teeleekoominikeeshinii lama dhaabbilee dhuunfaaf laachuun dorgomtummaa damichaa fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Kun ammoo qaama fooyyessa diinagdee biyya keessaati. Diinagdee diijjiitaalaas ni guddisa.
 
Tajaajila laatamu si’ataa taasisuun qaqqabamasaas babal’isuuf ni gargaara jedhameera.
 
Eeyyamoonni lamaanis akkaataa labsii lakkoofsa 1148/2011 dorgommiidhan kan laataman ta’a.
 
Dhaabbanni fedhii hojichaa qabu amma Waxabajjii 15,2012 guyyaa keessaa sa’aa 6tti fedhii dhiyaate marsariitii abbaa taayitichaa (www.eca.et) irraa argachuu danda’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.