Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa To’annoo Hojii Koonistiraakshinii hundaa’e

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Rakkoowwan gama ijaarsaan mudatan hambisuu ni danda’a kan jedhame waajjirri Abbaa Taayitaa To’annoo Hojii Koonistiraakshinii hundaa’era.

Wajjirri haaraan kun rakkoowwan seektarichaa furuuf kan gargaarudha jedhameera.

Kanarra darbee damicha gara dhaabbii sirriitti deebisuu fi proojektoonni ijaaraman yeroo qabamee fi walii galteen mallatteeffametti akka xumuramuuf itti gafatamummaa qaba jedhameera.

Itti aanaan daayreektara olaanaa abbaa taayitichaa obbo Maatabee Addis Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaaniin, karoorri dhaabbatichaa inni jalqabaa rakkoowwan damicha keessatti mudatan adda baasuu fi hambisuudha jechuun dubbataniiru.

Dhaabbatichi hojii ijaarsaa proojektoota gurguddoo fi dhaabbii to’annoo akka eegales himaniiru.

Kanumaan walqabsiisee dhaabbatichi rakkoowwan jiran hubachuun qooda fudhattoota waliin furmaata kaa’uuf seerota hojimaata badaa qaban fooyyessuuf ni hojjeta jedhaniiru.

Preezdaantiin Waaldaa Hojii Ijaarsa Ityoophiyaa Injiinar Ammahaa Simee gama isaanitiin, abbaan taayitichaa damee ijaarsaan rakkoowwan mudatan hambisuurra darbee ogeessota hojichaa irratti hirmaataniif humna ta’uun bu’a qabeessummaaf ni gargaara jedhaniiru.

Preezdaantiin Waaldaa Hojiilee Ijaarsa Bishaanii Ityoophiyaa Injiinar Geetaahuun Taaggasaan ammoo, hundeeffamni abbaa taayitichaa hojii damichaaf bu’aa caalmaa akka qabu yaadachiisaniiru.

Waajjirichi hundeeffamuun gara hojiitti galuun damee hojichaa irratti dogoggora irra deddeebiin mul’atanii fi guddina damichaaf wantoota gufuu ta’an adda baasuun furmaata ka’uuf akka gargaaru itti amanameera.

Mahaammad Aliitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.