Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa Ashaboon nyaataa Roomii fi oomishaaleen dammaa Seenhoon mirkaneessa ga’umsa fayyaa hin qaban jedhe

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Bulchiinsaa fi To’annoo Eegumsa Fayyaa Nyaataa fi Qorichaa magaalaa Finfinnee Ashaboon nyaataa Roomii fi oomishaaleen dammaa Seenhoon mirkaneessa ga’umsa fayyaa hin qaban jechuun ibseera.

Abbaan Taayitichaa bu’aan oomishaalee Ashaboo nyaataa Roomii fi dammaa Seenhoon jedhamuun beekaman mirkaneessa ga’umsa fayyaa osoo hin qabaatiin gabaaf dhiyaatan saamudni isaanii fuudhamuun laabiraatooriitti wayita qorataman mirkaneessa ga’umsa fayyaa kan hin qabnee fi ulaagaalee kan hin guunne ta’uu hordofee gabaarraa akka walitti qabaman taasifameera.

Abbootiin dhaabbilee oomishaalee kanneen oomishaanii oomishaalee isaaniirratti tarkaanfii fudhatame sirrii ta’uu beekuun yeroo itti aanutti ulaagaalee guutuun oomisha haaraa oomishuun gara gabaatti akka seenaan abbaa taayitichaa waliin waliigalteerra ga’aniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.