Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa dibatoota qulqullinaa mirkanaa fi eeyyama hin qabne ittise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Dawaa Ityoophiyaa dibatoota qulqullinaa (Hand sanitizers) mirkana ga’umsaa fi eeyyama oomishaatin ala gabaadhaf dhiyaatan ittise.

Hawaasnis akka itti hin fayyadamnee fi gabaarraa ittisuuf qaama nageenyaa fi dhaabbilee fayyaa dhimmi isaan ilaallatuuf eeruu barbaachisaa akka laatu abbaan taayitichaa gaafateera.

Haaluma kanaan hawaasni oomishaalee qulqullinaa mirkana sadarkaa hin argatinii fi eeyyama oomishaa hin qabaatin kanneenitti akka hin fayyadamne dhaamera;

Mela Sanitizer

Narobi Sanitizer

Habesha Sanitizer

FOM Sanitizer

GST Sanitizer

Silva Sanitizer

Yero Hand Sanitizer

Adey Hand Sanitizer

Abyssinia Hand Sanitizer

TAFF Alcohol

Abbaan taayitichaa hawaasni karaa sarara bilbila bilisaa 8482 eeruu akka laatus waamicha dhiyeessera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.