Fana: At a Speed of Life!

Abbaan warraa fi haati warraa hoospitaala Phaawulositti yaala maseenummaa hordofaa turan daa’ima argatan

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Abbaan warraa fi haati warraa Giddugala Yaala maseenumaa Koollejjii Yaala Miliniyeemii Hoospitaala Qiddus Phaawulositti yaala maseeenumaa hordofaa turan daa’ima argataniiru.

Abbaan warraa fi haati warraa kun erga gaa’ila dhaabbatanii waggaa torbaa ta’ullee daa’ima argachuu hin dandeenye.

Hospitaalichi waggaa dabarsine baatii Ebila irratti kan eegale hordoffii yaala giddugala maseenummaatti taasiseen daa’ima jalqabaa argachuu danda’aniiru.

Abbaan warraa fi haati warraa kun daa’ima argachuu kan danda’an yaala ‘Intro vitro fertilization’ kan jedhamuun yoo ta’u, baatii dhufanitti  haadhooliin 70 ta’an yaala kanaan daa’ima ni argatu jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.