Fana: At a Speed of Life!

Abbootii qabeenyaa amanumummaadhan taaksii fi gibira kaffalaa turaniif beekamtiin laatame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC) –Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa abbootii qabeenyaa amanumummaadhan taaksii fi gibira kaffalaa turaniif beekamtii laatera.

Kaffaltoonni beekamtin taaksii fi gibiraa waliin dha’uu fi naga’ee dhowwachudhaan kan himatamanii hin beeknedha jedhamera.

Daayreektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Galiiwwani Oromiyaa aadde Maskaram Dabbabaan, Kaffaltoonni beekamti argatan warreen kanaafis fakeenya gaarii ta’uu Jedhaniiru.

Kaffaltoonni taaksii fi gibiraa naannichaa hanga Birrii miiliyoona 1tti kaffalan 48 sadarkaa meetiin, kanneen Birrii miiliyoona 1 hanga Birrii miiliyoona 10 kaffalan 53 sadarkaa warqiidhaan, kanneen Birrii miiliyoona 10 hanga Birrii miiliyoona 53 kaffalan 16 ammoo sadarkaa Pilaateniyeemiitiin beekamtin kennammeefira.

Abbootiin qabeenyaa taaksii fi gibiraa Birrii miiliyoona 53 hanga Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 13 kaffalan 3 ammoo badhaafamtoota sadarkaa olaanaa ta’uun beekamtiin isaaniif kennameera.

Badhaasni beekamti kun abbootii qabeenyaa 126f kennameera.

Sirna beekamti kennuu kana irratti preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi itti aantuun isaanii aadde Caaltuu Saaniin hirmaataniiru.

Buza’aalem Beenyaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.