Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin amantaa dhibee HIV ittisuu fi too’achuuf itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an waamichi godhame

Finfinnee, Fulbaana 12 , 2013 (FBC) – Abbootiin amantaa adeemsa dhibee HIV ittisuu fi too’achuu irratti itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban Minisirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan waamicha taasiisan.
 
Hirmaanna dhaabbileen amantaa dhibee HIV ittisuu fi too’achuu keessatti qaban guddisuuf waltajiin marii gaggeeffameera.
 
Dhibee HIV ittisuu fi too’achuu, akkasumas itti fayyadama qoricha isaarratti hubannoo hawaasaa dabaluuf abbootiin amantii dirgama abbummaa akka ba’an Dooktar Liyaan ergaa dabarsaniiru.
 
Qaama dhimmi ilaallatu waliin waggoottan 20 darban keessa hojii hojjetameen du’aatii %90 namoota haaraa qabaman ammoo % 70 hir’isuun danda’amu ibsaniiru.
 
Bu’aan akka biyyatti argame gaarii ta’us yeroo dhiyoo as dagannaan uumamu Dooktar Liyaan dubbataniiru.
 
Akka biyyatti tatamsa’inni isaa % 0.8 ta’us, naannoo Gaambeellatti 4.3, magaalaa Finfinneetti 3.2, Dirree Dawaatti 2.9, naannoo Harariitti 2.9 irra jiraachuu ibsameera.
 
Namoonni dhibicha waliin jiraatan qoracha laatameef seeraan itti fayyadamuu akka qaban dhaamameera.
 
Dhibicha ittisuu fi too’achuuf waajjirri Ittisaa fi Too’annoo dhibee HIV,  Miniseerri Fayyaa fi yaa’iin dhaabbileen amantaa sanada waliigaltee mallatteesaniiru.
 
Akka addunyaatti namoonni miiliyoonni 32 ol sababa dhibee HIV lubbuu dhabuu isaanii ragaan ni muul’isa.
 
Haymaanoot Iyyaasuutu gabaase.
 
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.