Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee guyyootii araaraa shan labsan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee guyyootii araaraa shan labsan.

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee kaleessaa eegalee guyyootii kadhannaa araara Waaqaa 5 labsan.

Guyyootiin kadhannaa Waaqaa shanan, vaayrasii koroonaa ittisuuf kan itti hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaan vaayrasicha ittisuuf, hunduu of eeggannaa akka godhuu fi akka amantaa isaatti Waaqasaa akka beekumsa isaatti akka kadhatu dhaamaniiru.

Sirni kadhannaa kun ganamaa galgala guyyootii shaniif gaggeeffama.

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin siinqee labsichaan booda Galma Aadaa Oromootti kadhannaa taasisaniiru.

Abbaa Gadaa Goobanaan Oromoon aadaa fi duudhaasaa tikfachuuf durbi buqqee duudaa baattee, jaartii cifireen marga jiidhaa qabattee, jaarsi cifireen horooroo qabatee, dargaggeessi waanjoon of waanjee Waaqa araara gaafachaa tureera jedhan.

Abbootiin amantaa hordoftoota isaanii waliin akkaataa beekumsaa fi amantaa isaaniitti, Waaqa araara akka gaafatanis labsaniiru.

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin siinqee ummanni tamsa’ina vaayrasii koroonaarraa akka of eegu, tuttuqqii akka lagatu dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.