Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa Gujii bu’uuruma Sirni Gadaa isaan ajajuun korma gurraacha qaluun waaqa kadhatan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Abbootiin Gadaa Gujii bu’uuruma Sirni Gadaa isaan ajajuun; vaayrasiin koroonaa Adduunyaa irraa akka baduuf Sirna Gondooroon korma gurraacha qaluun waaqa kadhatan.

Weerarri dhibee vaayrasii koroonaa Ji’oota muraasa keessatti namoota miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokko ol qabuun , lubbuu namoota kuma 61 olii galaafachuun adduunyaa raasaa jiru kun akka dhaabbatuuf Abbootiin Gadaa Gujii bu’uruma sirni Gadaa isaan ajajjuun rakkoon kun akka darbuuf Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti sirna Gondooroon Korma gurraacha qaluun waaqa kadhataniiru.

Gondooroon yoo bokkaan roobuu dide,waraanni hammaate, akkasumas akka dhibee vaayrasii koroonaa dhukkubni qoricha hin qabnee yoo hammaate sirna gaggeefamuu fi sirna Gujiin raawwachuuf dirqamuu dha.

Sirna Gondooroo kana irrattis kormi gurraachi qalames hiika mataa isaa kan qabuu fi adduunyaa irraatti yoo waanti humna namaa ol ta’u yeroo mudatu Abbootiin Gadaa korma gurraacha qaluun araarri akka bu’uuf waaqa kadhatu.

Akka gabaasa OBNtti, Abbootiin Gadaa Gujii sirna Gondooroon dhibeen vaayirasii koroonaa akka baduuf waaqa erga kadhatanii booda ; moora ilaalanii faroon milkii akka jirus dubbatanii jiru.

Abbootiin gadaa gujii kun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf namni hundinuu gorsa oggeessoota fayyaa hojiirraa olchuun ga’ee isaa irraa eegamu bahuu qaba jechuun dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.