Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin murteessummaa 3 Priimayer Liigii Ityoophiyaa keessaa gaggeeffaman

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Abbootiin murteessummaa Kilaba Walaayitaa Diichaa fi Buna Ityoophiyaan himatamanii turan 3 taphoota Priimayer Liigii Ityoophiyaa akka hin taphachiifne dhorkamaniiru.
Tapha Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 24ffaa irratti Abbaan Murteessummaa Federaalaa tapha Buna Ityoophiyaa fi Hadiyyaa Hoosaa’iinaa olaantummaan taphachiisaan Mikaa’eel Xaa’iimaa jechoota hin malle fayyadamuu isaan Kilaba Buna Ityoophiyaan himatamuun kan yaadatamuudha.
Dhimmicha ilaalaa kan ture Koreen Abbootii Murteessummaa Biyyaalessaa, Abbaan Murteessichaa badii raawwatanii argamuu isaaniin Priimayeer Liigii akka hin taphachiifne gaggeesseera.
Tapha Walaayittaa Diichaa fi Buna Sidaamaa gidduutti gaggeeffamerratti Walaayittaa Diichaaf rukkattaa addabbii hin malle kennuu fi goolii eegaan Buna Sidaamaa sararaa ala ba’uun goolicha akka baraaru ta’eera jechuun Abbaa Murteessichaa gaafatamaa taasiiseera.
Korichi Abbaa Murteesummaa sarara gidduu Lammii Nigusee fi gargaaraa isaa Abduu Yixinaan dogoggora raawwataniif bara kana taphoota Priimayeer Liigichaa akka hin taphachiifne dhorkeera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.