Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa haala mijataa invastimantii Oromiyaan qabdutti fayyadamuun misoomaaf of qopheessuu qabu- Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa haala mijataa invastimantii Oromiyaan qabdutti fayyadamuun misoomaaf of qopheessuu akka qaban Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Naannichi carraa fi humna bal’aa Invastimantiif oolu kan qabu ta’uu ibsameera.

Oromiyaan qabeenyaa uumamaatiin badhaatuu ta’uu fi  carraa fi humna Invastimantiif oolu baayyee qabaachuu hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa ibsaniiru.

Kanaaf, abbootiin qabeenyaa biyyaa keessaa fi alaa carraa kanatti fayyadamuun gara naannichaatti dhufanii hojii misooma invastimantii fi indaastiriirratti akka bobba’an waamicha taasisuu ragaan biiricharraa argame nu muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.